Acts 17:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‘Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira’ jedhaa, seera mootiicha mootota worra Rooma'aa morman” jedhaa iyyane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yasoniti worra bulche. Ammalle worri kuni ch'ufti seera Kaisari ch'abse waan jed'u, Hayyu d'ibiti jira ka Yeso jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee Yaasoniilleen warra mana ufii bulche. Warrii kun cuftii, ‘Hayyuu dhibiitti ka Yesus jedhan jira’ jedheetti, seera hayyuu warra Roomaa cabse” jedhanii iyyan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan simateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Iyyaasoonillee mana ufiititti isaan fudhaateera; isaan maruu, ‹Mootiin biraa ka Yesuus jedhamu hin jira› jedha'aa ajaja Qeesarii morman» jedha'aa iyyan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yaason'llee isaan ufitti fudhatee jira, ‹Yesus ka jedhamu nugufnni biraa ni jira› jedhaa'llee ajaja nugusa Roomaa, ni mormman.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yaasonille mana ifiititti isaan fudhateera; isaan duudiin, ‹Mootiin dhibiin ka Yesuus jedhamu jira› jedhaa, seera mooticha mootota worra Rooma'aa morman» jedhaa iyyane.