Acts 18:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, “Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dogongora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Pauloni dubbachu fed'e jennaani Galioni waan Yahudiini jed'e, Yo sila wonti kunini waan kiyyiba yokhaani waan ch'ubbu hamtu taate anini isani ch'aqasu male.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Adoo Phaawulos dubbachuu fedhuu, Gaalii'on warra Yihudiitiin, “Yo silaa wantii kunin waan kijibaa yokaan waan cubbuu hamtuu taatee, anin isanii warra Yihudii, caqasuu male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Uduu Phaawuloos dubbatu'uuf ta'u Gaaliyoos Yihuudotaan akkana jedhe, «Wonti kun yaada hamaa yookaan dogoggora uduu ta'ee, himannaa keessan ani silaa obsaan isinii dhagaya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Uduu Phaawuloos dubbatu'uuf ta'u Galiiliyoos Yihuudotaan akkana jedhe, «Wonti kun yaada hamaa yookiin dogoggora uduu ta'ee, himmaanaa keessan ani silaa obsaan isinii dhagaya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos deebii kennu'uuf qophaayee uduu jiru, Gaalii'on Yihudotaan akkana ni jedhe, «Isin worri Yihudotaa! Miidhaan yookiin yakki ulffaataan isin irratti raawwatamee uduu jiraatee, himannaa keessan obissaan ni dhagayya ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, «Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dokonkora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu.