Acts 18:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa Sosteneesii qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami ch'ufti Sosthene, gudda mana Waaqa iti kad'atani qabe fulla qorsumati geesani d'aanani. Ammo Galioni waan kana tokole iyaalle.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii achi jiru cuftii Sosteneesin, guddaa mana waldeennaa qabee, fulaa qorsumatti geesse dhaane. Gaalii'on ammoo waan kana tokkoollee hin yaalle.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Soosteensiin qabanii dhaddacha afo'otti tumaniin; Gaaliyoos garuu waan kanniiniif hajaa hin qabu ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni Giriikotaa maruu bulchaan mana sagada Yihuudotaa Sositeensiin qabanii, dhaddacha afo'otti tumaniin waan kanniiniif Gaaliyoos hajaa hin qabu ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo kanatti marrinuu itti gaafatamaa bakka woligayi'ii Sosteneesiin qabanii, mana murtii hawaasumma'aa duranatti ni dhaananiin, kun marrinuu yoo ta'u, Gaalii'on dhimma woyiituu hin qabu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqonfannaa Yihudootaa Sostenees qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne.