Acts 18:19 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Efeso d'umnaani, Pauloni worra achiti lakise. Ammo ufii mana Waaqa iti kad'atani seene Yahuditi hasae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Efesoonon dhumnaan, Phaawulos Phrisqiilaa fi Aqiilaa achiitti lakkisee, ufii ammoo mana waldeennaa dhaqee warra Yihudiitiin haasa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa Efesooniin gayan isaan achitti dhiisee ufii ammo gara mana sagada Yihuudotaa seenee Yihuudota woliin dubbata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa Efesooniin gayan, isaan achitti dhiisee ufii ammoo gara mana sagada Yihuudotaa seenee, Yihuudota woliin dubbata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Gara Efesoon yeroo gayanitti, Phrisqiilaa fi Aqiilaa achitti isaan ni dhiisan, inni garuu gara bakka wolgayii aseenee, worra Yihudotaa Kristosiitiif haasaya ni taasisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate.