Acts 18:2 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Achitti Yihudicha biyya Phonxosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jadhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'a keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiyootti biyya Ixaaliyaatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Achiti nama Yahudi toko, ka Akila jed'ani, ka lafa Pontoti d'alate, ka d'io niiti isaa Prisila woliini lafa Talianati d'ufe arge. Wonti inni achi d'ufeefi waan Klaudionini aka Yahudiini ch'ufti lafa Rumi keesaa godaantu mureefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Achiitti nama Yihudii tokko, ka Aqiilaa jedhan, ka lafa Phonxosiitti dhalate, ka dhi'oo niitii isaa Phrisqiilaa waliin lafa Ixaaliyaatii dhufe arge. Wantii innii achii dhufeef waan Kilaawudiiyos akka Yihudiin cuftii lafa Rooma keessaa godaantu mureef phaawulos warra arguu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achitti nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge; inni hennaa hago'oon dura haadha manaa ufii Phirsqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni akka Roomaa keessaa bayan waan Qelaawudewoos ajajeef gara isaanii dhaqe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Nama dhalootaan Phanxoos ta'e namicha Yihuudi'ii ka Aqilaa jedhamu tokko arge, inni hennaa hago'on dura haadha manaa ufii Phirsiqillaa woliin Ixaaliya'aa dhufee ture. Yihuudonni Roomaa keessaa akka bayan Qelaawudoowos waan ajajeef gara isaanii dhaqe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti'llee dhalataa biyya Phonxosii ka ta'e, Aqiilaa ka jedhamu nama Yihudicha tokko ni argate, nugufnni Roomaa Klaawudiiyos, Yihudonni marrinuu Roomaa akka bayan ajajee waan tureef, Aqiilaan hadha worraa isaa Phrisqiilaa woliin, yoma san Ixaaliyaa dhufuu isaati ture, kanaaf Phaawulos gara isaa dhaqee isaanii wol ni barate,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achitti Yihudicha biyya Phonxoosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jedhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'aa keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiko'otti biyya Ixaaliya'aatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee,