Acts 18:23 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjaabeesse.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bulti diqo toko achi keesa tae kae deeme. Lafa Galatiafi Frigia keesa dedeeme gumi d'ugefatte jabeese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bultii diqqoo tokko achi keessa taa'ee jennaan, ka'ee lafa Galaatiyaatii fi Firiigiyaa keessa dedeemee gumii dhugeeffatte cufaa jajjabeesse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga guyyaa hagoo tureen maayessa achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa hagoo haga tureen maayessa, achii ka'ee biyya Galaatiya'aatii fi Firgiyaa keessa deema'aa darasoota maraa jajjabeesse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti'llee yeroo muraasaaf ni ture, kanaan duubatti Galaatiyaa fi gara biyya Firigiyaatiin, bakka tokko gara bakka biraa dedeebi'aa amanttoota ni jajabeesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjabeesse.