Acts 18:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qacha Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namichi Yahudi toko ka Iskanderiati d'alate, ka Apolo jed'ani, Efeso d'ufe. Inni nama arabaani qaro ammalle waan t'aafi ch'ufa guddo hubate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Bara sun namichii Yihudii tokko ka dira Iskindriiyaatti dhalate, ka Apholos jedhan Efesoonon dhufe; innii nama arrabaan qaroo ka ammallee waan barreessii cufaa akka dansaa beeku.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni nama barate ka kitaabbilee woyyuu sirri'itti beeku ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi Yihuudi'ii ka gofti isaa Iskindiriya'aa, ka maqaan isaa Aphiloos jedhamu, ka dubbii beeku, gara Efesoonii gad bu'e. Inni beekkomsa kitaabaatiin jaba'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yihudichi Ahpolos jedhame ka nama biyya Iskindriyaa ta'e tokko, gara Efesoonii ni dhufe. Inni'llee kitaabban Qulqulluu xumuree ka baratee fi nama danddeettii haasaya mishaa qabu ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qachaa Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu.