Acts 18:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni Akaya d'aqu feenaani, oboleyaani tatabe iti kennite aka jari Yeso isa bulchu. Achini baanaani inni guddo worra maro eeba Waaqatiifi d'ugefate qarqaare.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Apholos Akaayaa dhaqu feenaan, obboleeyyan dhugeeffatte akka jarii Yesus isa bulchu waraqata barreesitee itti kennite. Achiin baanaan innii warra karaa kenniisa eebba Waaqaa gulan dhugeeffate, guddoo qarqaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hennaa gara Akaayiyya'aa dhaquu barbaade obboleewwan akka isa jajjabeessaniif isa simatan gara darasootaa xalayaa barreessaniif. Inni haga achi gaye worra badhaadha Ayyaana Rabbiitiin amananiif gargaarsa guddaa ta'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Innillee gara Akaayiyya'aa hennaa dhaquu barbaade obboleewwan akka isa jajjabeessaniif isa simatan, gara darasootaa xalayaa barreesaniif. Inni haga achi gaye worra badhaadha Ayyaana Rabbiitiin amananiif gargaarsa guddaa ta'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Apholos'llee gara biyya Akaayiyaa deemu'uuf yeroo yaadetti obboleeyyan yaada isaa ni fudhatan, obboleeyyan Akaayiyaa jiran'llee haala misha'aan akka isa simataniif, xalayaa ni barreesseef. Achi'llee yeroo gayetti, kennaa Waaqaa ka bilisaatiin amanttoota ta'uuf worra gayan, haalaan isaan ni gargaare.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhaadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e.