Acts 18:5 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Siilaasii fi Ximootewos biyya Maqedooniya'aatitii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara Jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Silafi Timotheoni Makedonia d'ufani jennaani Pauloni halkani guyya hasae, aka Yesoni Kristo Yahuditi odeese.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Siilaas fi Ximotewos Maqedooniyaa dhufanii jennaan, Phaawulos guyyaa cufa haasa'ee, akka Yesus Kiristoo ta'e Yihudiitti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Sillaasii fi Ximootewoosillee hennaa Maqedooniya'aa dhufan, Phaawuloos ammo Yesuus Kiristoosiin akka ta'e Yihuudotatti hima'aa dubbii Rabbiitiin jabaata'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Sillaasii fi Ximotewoosillee Maqidooniya'aa hennaa dhufan, Phaawuloos ammoo, Yesuus Kiristoosiin akka ta'e Yihuudotatti hima'aa dubbii Rabbiitiin jabaata'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Siilaasii fi Ximotewos Maqedooniyaa yeroo dhufanitti Phaawulos, «Yesus Masihicha» jechuun, Yihudotaaf ciminnaan ragaa baya'aa barsiisu'uun, yeroo isaa mara ni dabarssa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Siilaasii fi Ximootewoos biyya Maqedooniya'aatii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye.