Acts 18:7 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii ka'e, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqeffatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqeffannaa Yihudootaa bira jiraayyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni kae deeme, mana nama toko, ka Tito Yusto jed'ani, ka Waaqa guddisu d'aqe. Mani isaa d'awatu mana Waaqa iti kad'atani jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii ka'ee achii deemee, mana namicha Tiitoos Yusxos jedhanii tokko, ka Waaqaatti dhugeeffatee dhaqe. Manii isaa dhaattuu mana waldeennaa jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achii bayee gara mana nama Rabbiin waaqeffatuu ka Iyyoosxoos jedhamuu seene. Manni isaallee mana sagada Yihuudotaa bira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Achii bayee gara mana nama Rabbiin kaddaamuu ka Iyyoosxoos jedhamu senne. Manni isaallee mana sagada Yihuudotaa bira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf isaan biraa fooyamee gara mana nama Tiitoos Iyosxoos jedhamu ni deeme, naminni kun'llee Waaqa ka Waaqeffatu ture, manni isaa'llee bakka woligayii bira ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqonfannaa Yihudootaatii ka'ee, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqonfatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqonfannaa Yihudootaa bira jiraayyu.