Acts 18:8 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqeffanna Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeefate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Krisponi, ka gudda mana Waaqaa, worra ufi ch'ufa woliini Aabbo d'ugefate. Nami Korintho hedduuni waan kana d'ageennaani d'ugefate batifame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Kiriisphosiilleen, guddaan mana waldeennaa, warra ufii cufa waliin Aabboo dhugeeffate. Namii Qorontos hedduun waan kana dhageennaan dhugeeffatee cuuphame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Bulchaan mana sagada Yihuudotaa Qersiphoosillee maatii ufii maraa woliin Goofta'atti amane. Namoota Qorontoosii keessaallee hedduun haga dhagayan amananii cuuphaman.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kriisphos ka jedhamu itti gaafatamaa bakka wolgayii maatii isaa mara woliin Goofta'atti ni amane, namoonni Qorontoosii baay'een'llee Phaawulos yoo dubbatu dhagayanii amananii, ni cuuphaman.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqonfannaa Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeeffate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante.