Acts 19:10 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni haga ganna lama ch'ufa akasi tolche, tanaafi nami Asia keesa jiru ch'ufti, ka Yahuditiifi Grikileeni, dubbi Aabbo d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Innii haga ganna lamaa cufa akkasuma barsiimnaan, namii ardaa Asiyaa keessa jiru cuftii, ka Yihuditii fi ka Griikiilleen dubbii Aabboo dhagaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Isiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worri Isiiyaa jiraatan maruu Yihuudonnillee namoonni Giriikiillee dubbii Goofta'aa haga woggaa lamaa barata'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos kana ka taasise haga woggaa lamaatiif, yeroo sanitti'llee Yihudonni Asiyaa jiraatanii fi Ummanni Waaqa dhugaa titti hin amannee marrinuu, dubbii Gooftaa dhagayuuf ni danda'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.