Acts 19:12 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi huccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo bututufi woya isaa nama fayya inqamneti geesanile, hojuma suni fayyani jinniini keesaa baati.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo bututuu innii danfaan haqatu yokaan wayaa isaa nama fayya hinqamneetti geessaniillee, yoma sun fayyan; jinniilleen nama keessaa yaati.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii worra dhibamaniin hennaa tuqan isaan hin fayyan ture; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baya'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kanaafuu uffata isaa fuudhanii gara worra dhibamanii fidanii, worra dhibamaniin hennaa tuqan, isaanillee hin fayyan; ayyanni hamaanillee isaan keessaa baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababa kanaan'llee qaama Phaawulosii uffanni tuqee fi subbee fudhata'aa dhukubbsattoota yoo tuqissiisan dhibee isaanii irraa ni fayyan ture, hafuurronni battiiwwan'llee isaan keessaa ni baya ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kanaaf woyaa nafa Phawuloosii tuxxee fi hoccuu inni danfaan haxowatu fuudhanee, worra dhibame yennaa tuqisiisane, worri dhibame fayye; ayyaanni hamaalle keessaa baye.