Acts 19:13 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, “Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya” jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudiini gari, ta lafa ch'ufa keesa yayaate jinni nama keesaa baafte, maqa Yeso Kristotiini jinni nama keesa yaasu iti gamte waan jette, Anini maqa Yeso, ka Pauloni barsiisuuni si abaara jed'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudiin garii ta lafa cufa keessa yayaatee jinnii nama keessaa yaachu, maqaa Aabboo Yesusitiin jinnii nama keessaa yaasuu itti gamtee, “Anin maqaa Yesus ka Phaawulos barsiisuun si ajaja” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, maqaa Yesuusii ka Phaawuloos lallabuun akka baatan isin ajanya» jedha'aa maqaa Gooftaa Yesuusii namoota hafuurri hamaan qabe isaanitti waamuu yaalan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudota jinnii baasa'aa olii fi gadi deeman keessaa gariin, waan Phaawuloos lallabuun, «Maqaa Yesuusiitiin isin kakachiifina» jedha'aa worra ayyanni hamaan keessa jiru maqaa Gooftaa Yesuus Kiristoosii isaanitti waamuu badadan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jinniin namoota keessaa baasa'aa bakka mara Yihudonni naanayan tokko tokko, «Phaawulos ka lallabu Maqaa Gooftaa Yesusiitiin akka baataniif, isin ni ajajinna» jechu'uun, hafuurota jinni'ii namoota keessaa baasu'uuf, ni yaalan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti asii fi achi deddeemaa ayyaanota hamaa namoota keessaa baasanu, «Maqaa Yesuusii Phawuloos lallabuutiin akka baatanu isin ajanya» jedhaa, ayyaanota san baasiisaaf wodhaanane.