Acts 19:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudifi Grikiini Efeso keesa jirtu ch'ufti waan kana d'ageennaani guddo sodaatte, maqaani Aabbo Yesoleeni guddifame.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudii fi Griikiin Efesoonon keessa jirtu cuftii waan kana dhageennaan guddoo sodaattee, maqaan Aabboo Yesusiilleen guddifame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan; maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Kunillee Yihuudotaa fi Giriikota Efesooniin keessa jiraatan maraa biratti hin beekkame. Isaan martinuu hin sodaatan. Maqaan Gooftaa Yesuusiillee hin kabajjame.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wonitti kun'llee Yihudota Efesooniin jiraatanii fi Ummata Waaqa dugaa titti hin amanne biratti waan dhagayameef, marrinuu ni sodaatan, maqaan Gooftaa Yesusii'llee, ol aanaa ni ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in ka Efesoon keessa jiranu duudiin, waan kana dhage'anee sodaatane; maqaan Goottaa Yesuusiille ulfinna guddaa dhaggate.