Acts 19:21 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, “Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi waan kana Pauloni aka Makedoniafi Akaya keesa dabre Yerusalemu d'aqu kutate waan jed'e, Yo achi gahe, Rumile d'aqu male jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Eegii waan kanaa Phaawulos akka Maqedooniyaa fi Akaayyaa keessa dabree Yerusaalem dhaqu kutatee, “Yo achi ga'e, Roomaallee dhaquu male” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga wonti kun ta'een maayessa Phaawuloos karaa Maqedooniya'aatii fi Akaayiyya'aatiin lufee Yerusaalemiin deemu'uuf Ayyaanaan murteeffatee, «Yoo achi gaye Roomaallee gayuu na barbaachisa» jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga wonti kun raawwatame, Phaawuloos achi gayee Roomaallee akkasuma arguu fedha jedhee, Maqidooniya'aa fi Akaayiyyaa keessa lufee gara Yeruusaalemii dhaqu'uuf murteeffate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kun marri eega ta'een duubatti Phaawulos Maqedooniyaan gara Akaayiyaa dabrre, gara Yerusaalemiin deemuuf, sammuu isaa titti ni yaada, «Eega achi gayeen duubatti'llee gara Roomaa deemuu qaba» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Wonni kun marti teeteen duuba, Phawuloos biyya Maqedooniya'aatii fi Akaaya'aa keessa dabaree, gara Yerusaalemii dhaqiisaaf murteeffate; inni, «Ani achi dhaqeen duuba, biyya Rooma'aalle ilaaluu qaba» jedhe.