Acts 19:22 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Erasxos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi inni jara lama, Timotheofi Erasto, ka waan isaa qorqoratu, Makedoniati erge, ammo ufi Asia keesa diqo toko tae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Tanaaf innii jara isa qarqaaruu lama Ximotewosii fi Erasxos Maqedooniyaatti ergee, ammoo ufii Asiyaa keessa diqqoo tokko taa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximootewoosii fi Erxoosiin gara Maqedooniya'aa ergee, ufii ammo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Worra tajaajilan keessaa lamaan Ximotewoosii fi Erxoosiin gara Maqidooniya'aa ergee, ufii ammoo guyyaa hagoo Isiyaa keessa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Kanaaf namoota isa tajaajilan keessaa lamaan, Ximotewosii fi Erasxosiin gara Maqedooniyaa ergee, inni mataan isaa Asiyatti, guyyoota muraasaaf ni ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre inni qarqaartota ifii keessaa lamaan Ximootewoosii fi Eraasxoos gara Maqedooniya'aa ergee, inni haga diqqaa lafa Asiya'aa keessa ture.