Acts 19:24 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexros jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ogeesi toko, ka Demetrio jed'ani, fakeenna mana Artemi iti kad'atani saldaqa tume, duuba hujiini tuni daldala guddo ogeeyi ch'ufaa d'ufteeni.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namichii ogeessii Demeexros jedhan tokko, fakkeenna mana Arxemiis itti kadhatanii saldaqaa irraa tumee, duuba hujiin tun nagada guddoo ogeeyyii cufaa dhufteeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namichi Dimeexiroos jedhamu ka meetii bassu fakii mana woyyuu Arxemsii meetii irraa hojjata'aa worra meetii bassuu bu'aa guddaa argamsiisa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namichi meetii huju ka Dimexiroos jedhamu tokko fakii mana woyyuu waaqa tolfamaa Arxeemsii hojjata'aa waan worra sibiila baassan irraa bu'aa guddaa argata'aa tureef.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Dmeexros ka jedhamu meeta tumttuun tokko ulfinna fakkeenna mana sagadaa ka Arxemiisiitiin meeta irraa hojjata'aa, worra meeta tumttoota ta'aniif bu'aa baay'ee ni argamisiisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi meetii baqisiisuu ka maqaan isaa Demeexroos jedhamu tokko, fakkii waaqota galma Arxemiisii hujee, worra meetii baqisiisuuf bu'aa guddaa galchaa ture.