Acts 19:26 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle isani ya argitani d'ageettani, aka fulla Efeso ch'allaaniti, ammo fulla ch'ufa Asia keesa, Pauloni nama heddu sosobe qalbi worra garagalche, Wonti harkaani mid'aasani Waaqaaniti jed'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee akka namichii Phaawulos jedhan kun Efesoonon callaa adoo hin ta'in, Asiyaa keessa fulaa cufaatii, ‘Wantii harkaan midhaasan waaqaaniti’ jedhee, nama hedduu sosobee qalbii garagalchee dhugeeffachiisee isanuu la argitanii dhageettan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan kana Phaawuloos, ‹fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti› jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan kana Phaawuloos, fakiin harka namaatiin hojjatame waaqaa miti jedhee Efesooniin calla'atti uduu hin taane biyya hago'oon alatti Isiyaa marattuu banii heddutti himee akka isaan dogoggorse argitaniirtan; dhageettaniirtanille'e.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulosiin kun, ‹fakkeennonni harka namaatiin ka hojjataman waaqole'ee miti› jedha'aa Efesoonitti qofa uduu hin ta'in biyyoota muraasaan ala biyya Asiya'aa maratti, ummata hagam baayi'e'ee akka woliigalchee fi akka amanisiise, isin mataa keessanuu ka argitanii fi ka dhageettan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namichi Phawuloos jedhamu kun Efesoon keessa calla'atti adoo hin te'in, lafa Asiya'aa duudii keessatti, waaqi harkaan hujamu ijjumaa waaqaa moti jedhaa, kolbaa hedduu sossobee akka dhugeeffachiise, isinuu dhaggitanee dhageettaneertan.