Acts 19:27 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqitti gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara” isaaniin jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Wonti nu sodaannu aka huji teenna ch'alla tuffataniniti, ammo aka mana Artemi ta waaqa jed'anile tuffatani, aka guddinni isi badu, ta Asiafi lafti ch'ufti guddiftu!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Wanti nu sodaannu akka hujii teenna callaa tuffataninitii, ammoo akka mana Arxemiis ta waaqaa jedhaniillee, ka Asiyaa fi laftii cuftii guddichuu, akka guddinnii isaa badu tuffatan” warraan jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akka kanaan hujiin keenna hin tuffatama'aara; manni woyyummaa Arxeemisii guddo'o; ta guutuun Isiya'aatii fi adunyaan marti isii itti waaqeffatu ka gatii hin qabne ta'eera.»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akka hujiin keenna tuffatamu callaa uduu hin taane, ta Isiiyaanii fi adunyaan marti kaddaamu, waaqa guddoo mana woyyuu ta Arxeemsii akka waan duwwa'aatitti haa laakkayamu'uuf guddinni isi'iillee diiggaminnaa sodaachisa.»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Bifa kanaan hujiin keenna kun tuffatamuu isaati, kana qofa'llee uduu hin ta'in Asiya'aa fi biyya lafaa maratti naminni marri ta sagaduuf manni waaqeffanna'aa ta Waaqa ol aanttuu Arxemiisii tasa ta'ee hafuu isaati, ol aanttummaan isii'llee hafuu isaati» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka kanaan hujiin teenna hin tuffatanti; tana qofa adoo hin te'in galmi Arxemiisii waaqittii gudditti'ii ka Asiya'aa fi biyyi lafaa duudiin waaqonfattu gatii dhabee hafaara; guddinni isi'iille badaara» isaaniin jedhe.