Acts 19:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Diri ch'ufti gohannaani guutame. Gayofi Aristarko, jara Makedonia, ka Paulo woliini imaltu yaani qabani, diida korati geesani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Dirii cuftii goohannaan guutame. Gaayosii fi Arisxaarkos, jara Maqedooniyaa ka Phaawulos waliin himaltuu yaa'u qabanii diida koraatti geesan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoma san qachaan maruu raafamte. Namoonni banii Maqedooniya'aa, hiriyyoota Phaawuloosii Gaayiyyoosii fi Arsixirookoosiin fa'a qabatanii gara hulee tapha itti mudhisanii gad fiiganii seenan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yomasan qachaan maruu raafamte. Namoonni Maqidooniya'aa hiriyoota Phaawuloosii Gaayiyoosii fi Arsixirookoosiin isaan woliin butanii yaada tokko ta'anii gara hulee taphaa gad fiigan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Magaalaan guutuun ni jeeqamtte, ummanni'llee namoota lamaan biyya Maqedooniyaa ta'an lamaan Phaawulosii fi waahellan deemissa isaanii, Gaayosii fi Arisxaarkosiin qabanii, harkisaa gara bakka ummanni wol itti gayutti ni fiigan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yoosuma hogaan qachaa duudii keessatti ka'e. Worri hogisu jara lamaan Maqedooniya'aa worra Phawuloos woliin deemaa ture Gaayosii fi Arisxaarkos qabanee harkisanee, gara addee tapha itti mudhisanu rukkisane.