Acts 19:33 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophoye.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari, Iskandati wo yake jed'e, waan Yahudiini biyya dura isa d'aabdeefi. Jennaani Iskandani harkaani biyya ch'allisiisu fed'e, aka sila worrati dubbatu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii waan warrii Yihudii biyya dura isa dhaabdeef, Iskindiriitti wa yake jedhe. Jennaan Iskindiris akka silaa warraatti dubbatu harkaan biyya callisiisu fedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee akka isaanii falmu godhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Yihuudonni namicha Iskindiroos jedhamu dhiibanii afoo bani'iititti baasan. Iskindiroosillee harkaan mudhisee, akka isaanii falmu godhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Namoonni gara Yihudotaatii ta'an tokko tokko, namicha Iskindir jedhamuu ummata keessaa dhidhiibaa gara fuun duraa ni dhiyeessaniin, ummata jidduu'llee tokko tokko haalaan akka isaaniif mormmuuf ni gorssaniin, Iskindir'llee ummanni akka caldhisu harkaan itti akeekeeti, haasaya ittisaa taasisuuf ni qophaaye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti gariin namicha Iskindir jedhamu kolbaa duratti darbanee baasane; kolbaa keessaa gariin akka inni isaaniif falmatu itti himane. Iskindirille akka kolbaan cadhittu harka ifiitiin beessisee, dubbii falmataa dubbatiisaaf qophowe.