Acts 19:37 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshesin as fiddaneertan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani jara kana armati d'uftaniini, ka waan mana Waaqaa inhatiini, yokhaani waaqa keenna inarabsiini.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Isan amma jara kana la armaan dhuftan; jarii ammoo waan mana Waaqaa hin saamne yokaan Waaqaa keenna hin arrabsin.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni kunniin uduu mana woyyuu hin saamne, yookaan uduu waaqa teenna tana hin arrabsine qabdanii haga asii fiddaniirtan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Meeshaa mana woyyu'uu worri hin hanne namoota waaqoolee keenna hin arrabsine kanniin fidaniiran.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Mana Waaqeffanna'aa worra hin saaminii fi Waaqa keenna irratti'llee dubbii arrabaa namoota hin dubbatin, garana qabddanii dhufttanii jirttan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin adoo jarri tun meya galmaa hin saamin yookiin waaqota keennalle adoo hin faanshessin as fiddaneertan.