Acts 19:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yo Demetriofi tumtuni isa woliini jirtu dubbi nama iraa qabaate kori injira nami dubbi qoruleeni injira, ha waan fed'ani himatani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yo Demeexrosii fi tumtichii isa waliin jiru dubbii nama irraa qabaatee, korii injiraa, namii dubbii qoruulleen injiraa, ha waan fedhan himatani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eeganaa Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Dimeexiroosii fi worri meetii bassan ka isa woliin jiran ammoo waan ittiin nama himattan yoo qabaattan, guyyaan murti'ii waan jiruuf, worri murtii kennullee waan jiruuf achitti wol haa falmanii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Demeexrosii fi meeta tumttoonni isa woliin jiran'llee naminni isaan himatan yoo jiraate, guyyoonni murtiin itti kennamu ni jiran, worri aangoo qaban'llee ni jiran, achitti wol haa falmatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Demeexroosii fi worri meetii baqisiisu ka isa woliin jiru, waan ittiin nama himatanu yoo qabaatane, guyyaan mura'aa jira; worri muraa kennulle jira; achitti wol falmanuu ti.