Acts 19:4 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Phawuloos, “Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Pauloni waan jed'e, Yohanani d'uguma batiso daba iraa deebianiini barsiise waan jed'e, Ka na gula d'ufu d'ugefachu maltani, nami suni Yeso.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phaawulos, “Yoh. aannis akka cubbuu irraa deebi'an nama cuuphee, ammallee akka ka isaan duuba dhufu Yesusitti dhugeeffatan barsiise” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan bani'itti hima'aa cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Phaawuloosillee, «Yohaannis Yesuus Kiristoosii isaan maayessa dhufutti akka amanan, bani'itti hima'aa, cuuphaa aagi'ii cuuphe» isaaniin jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phaawulos'llee akkana ni jedhe, «Cuuphaan Yohaannisii ka waayee dhiifama cubbuutiif ka raawwatame, ummatatti'llee ka himame, ‹ka ana duubaan dhufutti amanaa› ka jedhu ture, inni'llee Yesus» isaaniin ni jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Phawuloos, «Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera» jedhe.