Acts 19:9 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo nami gari mata jabaate d'ugefachu dide, gumi durati hameenna kara Aabbo dubbate. Tanaafi Pauloni worra biraa deeme, jara Yeso guure guyya ch'ufa mana Tirano keesati barsiise.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii garii ammoo mataa jabaatee dhugeeffachuu didee, gumii duraatti hammeenna karaa Aabboo dubbate. Jennaan Phaawulos jara Yesus ka dhugeeffate guuree warra biraa deemee, guyyaa guyyaan mana Xiraanos guddaa keessatti warra barsiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan keessaa gari gariin ammo banii afo'otti morkatanii barumsa amantii Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Isaan keessaa ammoo gari gariin banii afo'otti morkataniiti barumsa amantaa Kiristaanaa arrabsan. Kanaaf Phaawuloos isaan dhiisee, darasoota hojjatti baafatee guyya guyya'aan mana barumsa Xiraanoos jedhamu keessatti isaan barsiisa'aa ture.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Tokko tokko garuu morkkattoota ta'uun, karaa Gooftaa ummata duratti arabssaa hin amannu yeroo jedhanitti, isaan irraa ni fagaate, worra amanttootaa'llee kophatti fudhatee, galmma Xiraanosii titti guyyamaan isaan ni barsiisa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture.