Acts 2:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
worra Yihudi'iitii fi worra Yihuudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna” jedhane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yahudifi gosa d'ibile ta aada Yahudi iti gale; ammalle nama lafa Kretefi lafa Arafti — ammo nuuni ch'ufti worra huji Waaqa ta mama afaani keennaani dubbatu d'ageenna!
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yihudii fi gosa dhibiillee ta aadaa Yihudiitti galte; ammallee nama lafa Qarxeesiif lafa Araabaatti; ammoo nuun cuftii warra hujii Waaqaa ta mamaa afaan keennaan dubbatu dhageenna!” jedhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yihuudonni worri gara worra Yihuudotaa galle; nu worra Qerxeesiitii fi namoota Arabaa yoo taanu hennaa namoonni guddinna hujii Rabbii afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne»
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Namoonni Qerxeesiitii fi Arabaa hujii Rabbii hennaa afaan keennaan dubbatan isaan dhageenne»
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
akkuma kanaan namoonni Qarxees fi namoonni Arabaa'llee ni argaman, kunoo kunniin marrinuu hujii Waaqaa ol aanaa afaan isaaniitiin yoo dubbatan, ni dhageenna!»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
worra Yihudi'iitii fi worra Yihudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna» jedhane.