Acts 2:14 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, “Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo Petroni jara kud'ani toko kaani woliini olejate qonqo olfud'ate waan gumiini jed'e, Worra Yudeatiifi ka Yerusalemu ke tau, dubbi tiyya ch'aqasa.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammoo Phexros jara kudhanii tokkoo kaan waliin ejjee qoonqoo olfudhatee gumiin41, “Warra Yihudaatii fi ka Yerusaalem keessa taa'u, dubbii tiyya hubadhaa caqasaa!
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa tana Pheexroos jara kudha tokkoo woliin ol ka'ee dhaabatee laagaa ol qabatee akkana jedhee dubbate. Yihuudonninii fi isin worri Yerusaalemiin keessa jiraattan maruu kun isin biratti ka beekkame haa ta'u; dubbii kiyyallee dhagayaa'a;
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Pheexroos jara kudha tokkoo keessaa tokko woliin dhaabatee laagaa ol qabatee akkana jedhee dubbate. Yihuudonniniif isin worri Yerusaalemiin keessa jiraattan martinuu kun isin biratti ka beekkame haata'uu dubbii kiyyallee dhagayaa'a.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti Phexiros kudha lamaan woliin dhaabatee qooniqqa isaa ol fuudhee, akkana jechuun ummatatti ni dubbate, isin namoonni biyya Yihuda'aatii fi jiraattonni Yerusaalemii marrinuu, waan ta'e kana beekuuf haasaya kiyya kana dhageeffadhaa,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, «Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a.