Acts 2:17 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
‘Guyyaa muume'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Waaqi waan jed'u, Guyya muumme anini akana tolcha: Anini Lubbu tiyya nama ch'ufa ira buusa; ilmaani teesani ta d'iiratifi ta uwaleeni imfaddi, kaimi keesani daayya arga, jaaroleeni teesanileeni oobju oobjatti.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Waaqii, ‘Guyyaa muummee anin akkana tolcha; anin hafuura kiyya nama cufa irra buusa; ilmaan teessan ta dhiiratii fi ta dubraalleen hinfaddi; ka'imii keessan daayya'aa arga, jaarrolleen teessaniilleen oobjuu oobjatti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggeeyyiin teessan manaaba argan, manguddoonni teessanillee eebjuu eebjotan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
‹Guyyaa dhumaatitti ani akkana godha jedhe Rabbi: nama foon uffate maraa irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta intalaa raaga dubbatan; dargaggoonni teessan manaaba argan, manguuddoonni teessanillee eebjuu eebjootan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Waaqinni guyyaa muummee titti akkana ni ta'a jedha, hafuura kiyya nama maraa irratti ni jissa. Ijoolleen kiyya ta dhiiraatiif ta durbbaa'llee raagaa ni dubbatan, gayeeyyiin keessan'llee, mulidhata ni argan, Jaarsotiin'llee ebjju'uun ni eebjotan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«‹Guyyaa muumme'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen teessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.