Acts 2:22 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
“Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dubbi tana d'agaya, worra Israeli! Yeso Nazareti, nama Waaqi fohate, waan mamatiifi huji jabdufi akheekha Waaqi isa keesa tolcheeni isani agarsiise, aka isani beetani, waan wonti kunini jiddu teesani keesa taateefi.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Warra Israa'el dubbii tana dhagayaa! Yesus Naazireetii, nama Waaqii isanii foohate; akkuma isanuu beettanii, waan mamaa, hujii jabduu fi akeeka gosa gosaa Waaqii karaa isaatiin jidduu teessan keessatti tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Namoota Israa'elii! dubbii kana dhagayaa'a; akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Namoota Israa'elii dubbii kana dhagayaa'a! akkuma isinuu beettan Rabbi karaa Yesuusii Naazireeti'iitiin isin jiddu'utti baasaa fi maalale'een nama malkataan Rabbiin biraa isinitti mudhate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Isin yaa namoota Israa'eelii! Dubbii kana dhageeffadhaa, isin mataan keessanuu akkuma beekittan eennummaan Yesusii Naazireetii, Waaqinni isin jiddu'utti karaa hujiiwwan isaa ol aanaa raawwateetiin, baasotaa fi malikatootaatiin mirkanaayee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii gugurdoo baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanootteerti.