Acts 2:28 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ati karaa jiru'uu anatti mudhiteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta’ hin jedha.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini kara jireenna ya na barsiifte, yo fulla tante jiru anini gammada qabu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Atin karaa jireennaa ya na barsiifte; anin yo fulaa tantee jiru gammada qaba’ ” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Karaa jireennaa na beessiftee, afoo keetitti gammachu'uun na guutta.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Karaa jireennaa na beessiftee, afoo keetitti gammachu'uun na guutta.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Karaa jireennaa'llee ana ni beekisiftte, anaan woliin ta'uu keetiin'llee, gammachuun kiyya muda maleessa ni ta'a.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati karaa jiru'uu natti mudhitteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta› jedha.