Acts 2:29 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
“Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Oboleyaani tiyya, anini waan jaarsa Daudi qulqulleese isaniti dubbachu male. Inni ya due awaalani, awaali isaa haga guyya kanale arma fulla teenna jira.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
“Obbooleeyyan tiyya, anin waan Daawiti jaarsa abaaboo keennaa qulqulleesee isaniitti himuu male. Innii ya du'e awwaalan, awwaalii isaa haga ardhaatuu arma fulaa teenna tana jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Obboleeyyan tiyya! waan bulchaa sooressa abbooti'ii waan Daawitii du'ee akka awwaalame addaataa akka dubbadhu na hoffolchaa'a; awwaalli isaallee haga adhaa nu bira jira.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
«Obboleeyyan tiyya, waan bulchaa sooressa abbooti'ii waan Daawitii du'ee akka awwaalame addaataa akka dubbadhu na hoffolchaa awwaalli isaallee haga adhaa nu bira jira.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Yaa obboleeyyan kiyya! Abbootii duraanii keessaa tokko ka ta'e Daawiiti akka du'ee fi akkuma awwaalame, awwaalli isaa'llee haga adhaa titti akkuma nu bira jiru, ifaan isinitti haa himu.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
«Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira.