Acts 2:31 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‘Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre’ jedhee raageera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini, waan Waaqi kakhate arginaani waan kaisa Kristo fage waan jed'e, Fulla ekherati isa illakimne, nafi isaa inshamne.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Daawiti, duraattuu waan du'aa ka'iisa Kiristoo argee, ‘Fulaa warra du'eetti isa hinlakimne, nafii isaa hinshamne’ ” jedhee fage.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Waan du'aa ka'iitii Kiristoosii dursee argee lubbuun isaa hulee badi'iititti akka hin hafne; foon isaallee akka hin shamne› hime.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Waan du'aa ka'iiti Kiristoosii dursee argee, lubbuun isaa, hulee badi'iititti akka hin haafne; foon isaallee akka hin shamne› hime.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Sababa kanaan'llee, Masihiin siioolitti akka hin hafinnee fi foon isaa'llee shamee awwaala keessatti akka hin hafinne, durssee argee waan tureef ni dubbate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Daawiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‹Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre› jedhee raageera.