Acts 2:37 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, “Jarana maan goona?” jette.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Biyyiti waan kana d'ageennaani guddo rifatte sodaatte waan Petrofi ergattu taaniini jette, Nu maani taana, oboleyaani?
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Biyyitii waan kana dhageennaan guddoo rifattee sodaattee, Phexrosii fi ergamtoota taaniin, “Obbooleeyyan nu maan taanna?” jette.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamtoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan teenna! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa kana dhagayan garaan isaanii tuqamee Pheexroosii fi ergamoota kaawwaniinillee, «Obboleeyyan tiyya! maal haa goonuu?» isaaniin jedhan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
«Namoonni'llee kana yeroo dhagayanitti onneen isaanii gaddaan tuqamttee Phexiros fi ergamittoota kaanniiniin'llee, Yaa obboleeyyan! Egaa maal haa taasfnnu?» isaaniin jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, «Jarana maan goona?» jette.