Acts 2:38 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Pheexroos isaaniin, “Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Petroni waan jed'eeni, Daba iraa deebia, isaniini ch'ufti maqa Yeso Kristotiini batifama, aka daba keesani isanii araaramani; duuba qarqaarsa Waaqa ka Lubbu Qulqullo argattani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jennaan Phexros, “Cubbuu irraa deebi'aa, isaniin cuftii maqaa Yesus Kiristootiin cuuphamaa; akka cubbuu teessan isanii araaramanii; duuba Hafuura Qulqulloo argattan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Pheexroosillee akkana jedhe, «Aagii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu; marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a; kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Pheexroosillee akkana jedhe, «Agii galaa'a; cubbuunillee akka isiniif dhiifamtu, marti keessanuu maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa'a. Kennaa Ayyaana Woyyu'uullee hin fudhattanii.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Phexiros'llee akkana isaaniin ni jedhe, «Gara Waaqaa titti deebi'aa, cubbuun keessan'llee isiniif akka dhiifamu, tokkoon tokkoon keessan maqaa Yesus Kristositiin cuuphamaa, kennaa Waaqaa ka ta'e Hafuura Qulqulluu'llee ni fudhattan,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Pheexroos isaaniin, «Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhattan.