Acts 2:42 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya ch'ufa ergattu ira wo baratani, woldeenna woliini tolchani, qit'a Waaqa ch'absani, woliini nyaatani Waaqa woliini kad'atani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa cufaa ergamtoota irraa wa baratan, waldeennaa waliin tolfatan, qixxaa Waaqaa cabsan waliin nyaatan, Waaqaa waliin kadhatan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa Rabbiin kadhachu'uttillee hin jabaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Barumsa ergamtootaatiin, Xoroshoo woliin nyaata'aa faateffachu'uunillee jabaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Isaan'llee barsiisa ergamittootaa dhagayu'uun, tokkumma'aan jiraachu'uun, nyaata'llee woliin nyachu'uu fi kadhanna'aan ni jabaatan turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.