Acts 2:43 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ergattuuni waan mamatiifi akheekha heddu tolchite, tanaafi nami ch'ufti sodaate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ergamtootii waan mamaatii fi akeeka hedduu tolchitee, tanaaf namii cuftii sodaate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Harka ergamtootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef namoonni maruu guddisanii sodaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Harka ergamootaatitti baasaa fi maalaleen hedduu waan ta'eef, namni maruu guddisee sodaate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Yeroo sanitti harka ergamittootaa titti baasonni baayi'ee fi wonittoonni maalale'ee'llee ni raawwataman waan tureef, mara isaanii irraa sodaan ni bule.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane.