Acts 2:46 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa,
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya ch'ufa Mana Waaqa keesati wolwoldaani sagale mana woli keesati nyaatani garaa gammadatiifi d'ugaatini woliini taani,
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa cufa Mana Waaqaatti walwalda'aniitti, sagalee mana walii keessaatti nyaatanii, garaa gammadatii fi dhugaatiin waliin taa'ani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa maraa garaa tokkoon, mana sagadaatitti, mana isaaniitittillee wol gayanii jabaatanii xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gaafuu garaa tokko ta'anii mana sagadaatitti jabaatanii mana isaaniitittillee xoroshoo woliin nyaata'aa gammachu'uu fi garaa qulqullu'uun hurbaata ufii nyaatan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Guyyama guyyaan'llee Mana Waaqeffanna'aa titti, tokkummaan wol ni gayan ruran, mana isaanii titti'llee buddeena woliin nyaataa, gammachu'uu fi onnee misha'aan ni sooratan ture,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa,