Acts 2:5 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Yerusalemu keesa Yahuditi jira, worra aada guutu, ka lafa ch'ufaa d'ufe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Yerusaalem keessa warra Yihudii ka Waaqaa sodaatuutti, ka lafa cufaa dhufee jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni Rabbiin kadhachu'uun jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Banii ardii irra jiraatan maraa keessaa Yihuudonni faate'een jabaatan Yerusaalemiin keessa jiraata'aa turan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Biyyoota lafaa mara irraa'llee ka dhufa, Yihudonni kadhanna'aan jabaatan, Yerusaalemiin ni jiran turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.