Acts 2:6 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Qonqo tana d'ageennaani biyyiti guddo mamte wolti baate, nami ch'ufti ergattu afaani worraa dubbattu d'agaye.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Qoonqoo tana dhageennaan biyyitii walti baatee, namii cuftii ergamtoota afaan warraa dubbattu dhagayee guddoo mame.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa laagaan kun dhagayame baniin maruu wolitti qabamee hennaa isaan afaan ufiitiin dubbatan waan dhagaya'aa turaniif waan jedhan dhabanii baaseffatanii maalalanii akkana jedhan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Hennaa laagaan kun ta'e baniin maruu wolitti qabamee hennaa isaan afaan ufiitiin dubbatan waan dhagaya'aa turaniif waan jedhan dhabanii baaseffatanii maalalanii akkana jedhan,
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Qooniqqa kana'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een wol ni gayan, afaan isaaniitiin'llee wolitti yoo dubbatan waan isaan dhagayaniif, ni dinqisiifatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon wolitti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane.