Acts 20:1 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Hogaan qabbanoyeen duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeesee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eegi gohanti ch'aamte, Pauloni gumi Yeso wolti yaame gorse nagaya d'aamate kae Makedonia d'aqe.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Goohantii qabbanoofinaan, Phaawulos gumii Yesus walti yaamee, gorsee nagaa dhaamatee ka'ee Maqedooniyaa dhaqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga wolitti bu'iinsi qabbanaayeen maayii Phaawuloos darasoota waamsisee isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqedooniya'aa deemu'uuf baye.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Wolitti bu'iinsi haga qabbanaayeen maayii; Phaawuloos darasoota waamsissee, isaan gorsee, nagaya itti dhaamee gara Maqidoniya'aa deemu'uuf baye.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jeeqamnni eega chaldhiseen duubatti, Phaawulos amantoota bakka tokkotti waamsisee, dubbii gorissaatiin isaan ni jajabeesse, nagaya'llee isaanitti dhaamee, gara Maqedoonyaa ni deeme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hogaan qabbanoween duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeessee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e.