Acts 20:23 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi anatti himeera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini imbeekha, Lubbuuni Qulqullooni ya nati himte, dira ch'ufa keesa hid'aansafi gaargalati na eegata.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Hafuurii qulqulloon ammoo, akka dira cufa keessatti hidhaansaa fi gaargalii na eegatuu ya natti hime.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo Ayyaanni Woyyuun hidha'aa fi rakkinnatu si eeggata'aara jedhee qachaa marattuu naa raga'aara.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Haa ta'u malee magaalaa marattuu hidhaa fi rakkinni akka ana qunnamu, Hafuurri Qulqulluun natti himee jira.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi natti himeera.