Acts 20:24 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus anatti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittu hin laakkowu.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo anini jireenna kiyya inheregu, waan dansale insehu, aka anini deema tiyya gammadaani hobaase huji tiyya ta Aabbo Yesoni naa kenne, ta Odu Dansa ta eeba Waaqa d'ugeesu guutu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin ammoo akka deemmaa tiyya gammadaan hobaasee, hujii tiyya ta Aabbo Yesus natti keenne, ta oduu dansaa dhugeessee guutuu, jireenna kiyya herregee waan bu'a naa qabaallee hinse'u.”
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haa ta'uu ammo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe innillee Dubbii Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na biratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haata'uu ammoo fiigicha kiyyaaf tajaajila kiyya ka Gooftaa Yesuusiin irraa fudhadhe, innillee Oduu Nagayaa badhaadha Ayyaana Rabbii ragaa isaa haga raawwadhutti lubbuun tiyya na birratti akka hin ulfaanne akka waan duwwa'aatitti laakkaya.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Wongeelaa kennaa Waaqaa ka bilisaa barsiisuuf Waaqa irraa ka fudhadhe, dirqama barsiisuu yoo raawwadhe, jireenna kiyyaaf gatii hin kennine, lubbuu kiyya'llee garaa ana hin nyaanne.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus natti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittuu hin laakkowu.