Acts 20:29 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini imbeekha aka eegi anini deeme, yeyiini hamtuuni jiddu teesani d'ufte hooliye fit'u.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka eegii ani deemee warrii hamaamaan hooliyyee hinqorqoraane, ka akka ya'ii jidduu teessan dhufu inbeeka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga ani deemeen maayii worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar jabeeyyiin akka isin keessa seenan,
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Haga ani deemeen maayii, worri baniin garaa hin nyaanne yayyiin gar-jabeeyyiin akka isin keessa seenan, darasootallee duubatti harkisu'uuf waan micciiramaa namoonni qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Ani eega deemeen duubatti gobbu'uuf worri hin naane, namoonni gara jabeeyyiin akka yayyii ta'an, akka isinitti galan ni beeka.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.