Acts 20:3 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophawuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jia sadii achi tae. Shamu hobolooni d'aqisa kaanaani, aka Yahudiini d'ossaani isa eedu d'agaye; duuba aka kara Makedoniatiini galu kutate.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ji'a sadii achi taa'ee, hoboloon Sooriyaa dhaquu kaanaan, akka Yihudiin dhossaan isa eeddu dhagayee, jennaan akka karaa Maqedooniyaatiin deebi'u kutate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqedooniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Ji'a sadihii achi taa'ee gara Sooriya'aa markabaan hennaa deemuu yaade, Yihuudonni waan seera itti muraniif Maqidoniyaa keessa lufee deebi'uuf kutate.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Achitti'llee ji'a sadihi ni ture, kanaan duubatti'llee dooniin gara biyya Sooriyaa deemuuf ni yaade, garuu Yihudonni isaa irratti marri taasisuu isaanii yeroo beeketti, gara Maqedooniyaatiin deemuuf, ni murtteesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophowuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate.