Acts 20:30 — Compare Translations

6 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordoffachiisanu hin dhutti.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle jiddu teesani keesa namati d'ufa, ka waan hamtu dubbatu, aka gumi Yeso ufi gula deebisu.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Ammallee warra dhugaa milisuu ka gumii dhugeeffatte ufii gula deebisuu jidduu teessanii ka'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
darasootallee duubatti harkisu'uuf namoonni waan micciiramaa qaaqan isin keessatti akka dhalatan ani hin beeka.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Akkuma kana namoonni tokko tokko jidduu keessan ka'anii, barsiisa sobaa barsiisuun, amantoota baay'ee gara isaanii ni harkisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordofachiisanu hin dhutti.