Acts 20:35 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Jecha Goottaa Yesuusii, “Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame” jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini ya waan ch'ufa isani agarsiise, aka nu akasi hojanne nama lalaafa qarqaaru malle. Ammalle dubbi Aabbo Yesoni jed'e qaabad'a, ta inni, Wonti kennani waan fud'atani ira eeba qabdi jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Anin akka akkasii hojjanee nama dadhabaa qarqaaruu mallee, waan cufaa la isan garsiisee. Ammallee dubbii Aabboo Yesus, ta innii, ‘Wantii kennan waan fudhatan irra eebba qabdi’ ” jedhe qaabdhaa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkanuma dadhaba'aa akka dhibamtoota gargaartan, inninuu ‹ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame› akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Akkanuma dadhaba'aati dhibamtoota akka gargaartan, inninuu ka fudhatu caalaa ka kennutu ka eebbifame akkuma jedhe, dubbii Gooftaa Yesuusii kana akka qaabattan waan barbaachisuuf maraa isinitti mudhiseera.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
‹Ka fudhatu irra naminni keennu ka eebbifame› ka jettu, dubbii Gooftaa Yesusii yaadachu'uun, harkuma keennaan hojjata'aa dadhabddoota gargaaruun akka nurraa malu, karaa baay'een isinitti mulidhisee jira.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Jecha Goottaa Yesuusii, ‹Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame› jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera» jedhe.