Acts 20:7 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya qara ka torbaani nu woli woldeenne qit'a ch'absine. Pauloni worrati hasae, aka kaisa boriyyaati kurfefatu haga saa jaa ka halkani hasae.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Guyyaa qaraa ka torbaanii nu qixxaa cabsachuuf walti dhumnee, Phaawulos waan boriyyaa deemuu herregeef, dubbii isaa dheeressee haga halkan saatii ja'aa gumiitti haasa'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Guyyaa jalqaba torbaanii uduu xoroshoo nyaachu'uuf teenneerru Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Guyyaa jalqaba torbaan duraa xoroshoo nyaachu'uuf uduu wolgeenneerru, Phaawuloos bariisaa deemu'uuf waan yaadeef, isaan woliin qaaqa'aa ture. Haga halkan qixxe'ee qaaqa dheeresse.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa titti, buddeena bakka tokkotti nyaachu'uuf wolitti ni qabamnne, Phaawulos'llee guyyaa itti aanee jirutti deemuu qaba waan tureef, namoota wol gayanitti ni dubbata ture, haasaya isaa'llee haga halkan qixxe'ee, ni dheeresse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate.