Acts 20:9 — Compare Translations
7 translations compared side by side
Oromo Bible (Guji) 2007
Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irraa tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami kaima toko ka Eutiko jed'ani fulla dirisha tae; waan Pauloni guddo hasaeefi inni muge, haga mana sadeeso ka gubbati d'aqate lafa d'ae, isa due lafaa fuud'ani.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Namii dargaggeessi tokko ka Oyxikoos jedhan fulaa fooddaa (Maskootii) taa'e; adoo Phaawulos dubbachumaatti jiruu, Oyxikoos mugee hirriibii qabatee, adoo hirriba keessa jiruu haga mana sadeessoo ka gubbaa irraa dhaqatee lafa dha'ee, isa du'e lafaa fuudhan.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dargaggeessi Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee ture; Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni isa qabeef mugee mana mana gubba'aa ka sadeesso'oo irraa kufee du'ee reeffa kaasan.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gurbaan ka'imaa ka Oyixikoos jedhamu tokko foddaa irra taa'ee hirribni waan qabeeniif muge. Hennaa Phaawuloos qaaqa dheeresse waan hirribni qabeenii tureef, mana mana gubba'aa yookaan gamoo sadaffa'aa irraa kufee du'ee reeffa kaasan.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Oyxikoos dargaggeessi jedhame tokko fooddaa irra taa'aa jira ture, Phaawulos haasaya dheeressuu isaatiin hirribnni ulffaataan isa ni qabeen, hirribnni'llee waan isa injifateef mana wol irroo sadaffaa irraa, gara gadii ni kufe, namoonni'llee yeroo kaasaniinitti, du'ee ni argame.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irra tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera.