Acts 21:11 — Compare Translations

7 translations compared side by side

Oromo Bible (Guji) 2007
Inni gara keenna dhikaatee, hiituu Phawuloos ittiin hidhatu fuudhee, miilaa fi harka ifii hidhee, “Yihudooti Yerusaalem keessa jiranu, abbaa hiituu tanaa, akkana hidhanee worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee akka kennanu, Ayyaanni Woyyichi dubbata” jedhe.
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla teenna d'umnaani gurda Paulo fuud'e, harkafi miila ufi hid'e waan jed'e, Lubbuuni Qulqullooni waan jettu, Yahudiini Yerusalemu jirtu, abba gurda kana fuute, akana hiite harka gosa d'ibiti kenniti jed'e.
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Agaabos fulaa teenna dhumnaan gurdaa Phaawulos fuudhee, harkaa fi miila ufii hidhee Hafuura Qulqulloon, “Yihudiin Yerusaalem jirtu, abbaa gurdaa kanaa fuuteetti, akkana hiitee harka gosa dhibii ta Waaqaa hindhugeeffatiniitti kenniti” jedhe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gara keennallee dhufee, sabbata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka uf hidhee, akkasuma «Ayyaanni Woyyuun abbaan sabbata kanaa Yihuudonni Yerusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin» jedhaa'a jedhe.
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
Gara keennallee dhufee, sabata Phaawuloosii fudhatee harkaa fi luka ufi hidhee, akkasuma Ayyaanni Woyyuun abbaan sabata kanaa Yihuudonni Yeruusaalemii akkanatti hidhanii harka worra Yihuudii hin taaneetitti dabarsanii kennaniin jedhaa'a jedhe.
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Nabiyyichi kun gara keenna ni dhiyaate, woraanittillee Phaawulosii fudhatee harkaa isaatii fi miila isaa hidheeti, «Hafuurri Qulqulluun abbaa woraantti'llee kanaa Yihudonni Yerusaalemiin jiran akkanatti hidhaniinii, ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanneef dabarssanii ni kennaniin jedha» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni gara keenna dhikaatee, hiituu Phawuloos ittiin hidhatu fuudhee, miilaa fi harka ifii hidhee, «Yihudooti Yerusaalem keessa jiranu, abbaa hiituu tanaa, akkana hidhanee worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee akka kennanu, Ayyaanni Woyyichi dubbata» jedhe.